OROMO JIREENYAA CABE IJAARUU foundationhouse.org.au
WAA EE KEENYA MUL ATI KEENYA Ummatoota duubbee baqatummaa qaban, kan dararamni fi haalli badaan isaan mudataa ture fayummaa, nagoomaa fi mirga namoomaa isaanii guddisuu dha. Victorian Foundation for Survivors of Torture Inc (akkasumas Foundations House jedhamuun kan beekamu) ummata baqattoota Victoria keessa jiraatan kan biyya isaanii keessatti yookaan osoo baqataa jiranii dararmni irra geessifamee muuxannoo sana irraa kan ka e rifaatuu keessa jiran tajaajila. Foundation House bara 1987 keessa dhaabame Innis dhaaba bu aaf hin dhaabbatin, kan maallaqa mootummaa Victoria fi Commonwealth, dhaabbilee baalchomaa (charity) fi kennaa namoota dhuunfaa irraa argatuun hojjata. Bakki waajjirri Foundation House itti argamu: // Brunswick // Dandenong // Sunshine // Ringwood Foundation House dhaabbilee kaan waliin wal tahuudhaan Victoria guutuu keessatti baadiyaa fi giddu-galeessa baadiyaa, warreen akka Geelong, Shepparton, Swan Hill, Mildura, Ballarat, Bendigo, fi Latrobe Valley keessattis tajaajila ni kenna. Caalaatti dhimma waajjira Foundation House kana marsaa (website) : irra bal inaan argama FOUNDATION HOUSE AKKAMIIN HOJJATA? Tajaajjilli keenya: // Tola Yoo afaan deebistoota ni barbaadda tahe ogeessota arguus dabalee // Hiccitii Akkuma afaan deebistootni itti haajamnu taasisan nutis odeeffatnoo kee dhoksaatti eegna. // Fedhinnaa Sababa kamiinuu yeroo barbaaddetti beedee (client) keenya tahuu dhaabuu dandeessa // Gargaaraa - Mirga kee ni tumsina // Barsiisuma - Muuxannoo baqattootaa hawaasa ni barsiisna
Gara Australia osoo hin dhufin dura gocha rifaasisaa si irra gahe ni qabdaa? Yoo jiraateef muuxannoo rakkoo yeroo Sanaa irraa irraa kan ka e gara Foundation House dhufuu si barbaachisa taha. Gochaa rifaasisaa kan biraa yookaan muuxannoo dararamaa kee yeroo dabree irraa rakkoo qabaachuun waanuma jiruu dha. Tarii ofii keetiif hubatte taha: // Irriba dhabuu // Yaadaa fi yaadannoo sammuutti si dhufanii si yaaddeessan // Yeroo hedduu rirrifatuu // Namoota kaan irraa of fageessuu // Fedhii nyaataa dhabuu // Fedhiin waa hojjachuu xiqqaachuu // Namoota kaan amanuu dhabuun itti dhagahamuu // Rakkoo waa yaaduuu fi hubachuu qabaachuu // Muuxannoo keen wal qabatee maatii kee keessatti rakkoo qabaachuu // Rakkoo waa barachuu fi yaadachuu Tarii ijoollee keefis ni yaadofta yoo isaan: // Rakkoo kan kee fakkaatu akka olitti ibsame qabaatan // Nama irraa baqatan, guddaa bibir atan yookaan cagginaawan (aggressive) // Muuxannoo badaa mul isan // Yeroo si irraa adda bahan baay ee gommu Tajaajila wal-hidhata qabu kan haala dabre irraa rifaatuu sitti horee jiru irraa si dandamachiisu bifa hedduutiin siif kennama. Kunis kan inni dabalu: // Dhiphina nam-tokkee fi maatii gorsuu // Dubbachuufii // Wal aansa gahaa tahe, fakkeenyaaf qoricha aadaa, dhidhiibbaa fi wal aansa uumamaa (natural) akka argatan gochuu // Tajaajiltoota sammuu beekumsa addaa qabanitti erguu // Sagantaa gartuu keessatti hirmaatuu // Tajaajila kan biraatti qajeelchuu TAJAAJILA FOUNDATION HOUSE AKKAMIIN ARGACHUU DANDA A? // 03 9388 0022 bilbili yookaan waajiroota keenya tokkoo isaa kottu // Hayyama keetiin ogeessotni fayyaa, barsiisaan maatii kee keessaa yookaan hiriyaan kee si bakka bu ee nu qunnamuu danda a // Odeeffatnoo waajjira keenyaa akkamii akka argatu beekuuf ilaali // Qeebaltuun maqaa fi bilbila kee fudhattee tarii afaan-deebistuu ni barbaadda yoo taheef si gaafatti // Hojjataan Foundation House guyyoota hujii 2 keessatti siif bilbila. // Akki itti nu qunnamtu, bakka itti nu argattu fi odeeffatnoon geejjibaa dugda waraq-baallee kana irratti argama. Hubachiisa: Waraqaan kun afaanota hawaasaa kaaniins www.foundationhouse. org.au/services/clients yookaan bilbila 03 9388 0022 ni argama TAJAAJILA AFAAN-DEEBISTUU BILBILAAN 13 14 50
WAAJJIRA BRUNSWICK 4 GARDINER STREET, BRUNSWICK, VIC 3056, AUSTRALIA BAABURA (TRAIN) Baabura (train) UPFIELD QABADHUU buufata Brunswick tti irraa bu i. Gara Victoria Street itti bita gorii karaa sadaffaa irratti bitaa maqii Gardiner Street qabadhu TRAAMA (TRAM) Traama LAKKOOFSA 19 (Coburg) fudhu. Handaara Sydney Road fi Victoria Street, dhaabbii lakkoofsa 23 irratti bu i. Karaa afraffaa irratti bitaa maqii Gardiner Street qabadhu. BAASA (BUS) XURREE 506 Moonee Ponds Westgarth Railway Station. Dawson Street irratti bu i. Xurree 508 Moonee Ponds Alphington. Victoria Street irratti bu i. Xurree 509 West Brunswick Sydey Road. Hope Street irratti bu i. Melways 29 F7 caqasi. 4 GARDINER STREET B (03) 9388 0022 F (03) 9277 7871
WAAJJIRA DANDENONG 155 FOSTER STREET, DANDENONG, VIC 3175, AUSTRALIA BAABURA (TRAIN) Baabura TOORA PAKENHAM deemu qabadhu. Buufata Dandenong irratti bu ii mirga gori. Foster Street irra Lonsdale Street qaxxaamurii gama bitaa irraan fuullee St. Mary Parish Centre lakkoofsa karaa 155 irra jira. TRAAMA (TRAM) Baasiin Dandenong hundi buufata Dandenong dhaabbatu. Buufata Dandenong keessaa baatee gara mirgaa gorta. Foster Street irra Lonsdale Street qaxxaamurii gama bitaa irraan fuullee St. Mary Parish Centre lakkoofsa karaa 155 irra jira. BAASA (BUS) Melway fuula 91A F7 caqasi. Longhorne fi MacCrae Street gidduu Foster Street (155) irratti argama. Bakki konkolaataa dhaabbatan (yeroo ammaa sa aa 1 $1.00, guyyaa guutuu $8.30) boroo waajjirichaa jira. Dandenong Plaza gubba isaa irras ni jira. Guyyaa guutuu $4.00 kan dhaabdus jira. Hubadhu Foundation House gatii konkolaataa ittiin dhaabbatuuf jijjiirraa maallaqaa hin kennu.. 155 FOSTER STREET B (03) 8788 3333 F (03) 8788 3399
WAAJJIRA SUNSHINE 161 HARVESTER ROAD, SUNSHINE, VIC 3020, AUSTRALIA BAABURA (TRAIN) BAASA (BUS) Toora baaburaa SUNBURY QABADHUU buufata baaburaa Sunshine irratti bu i. Gara Hampshire Road mirga gorii gara Devonshire Road bitaa gori; achi irraa Harvester Road ammas mirga gori. (Tilmaamaan shifii (minute) 10-15 deemsisa). Xurree 220 (Sunshine City Gardenvale). Handaara Harvester Roada fi Foundry Road irratti bu i. Gara Harvester Road bitaa gorii tilmaamaan shifii (minutes) 5-10 deemi. Melways 26 G11 caqasi Xurreen lakkofsa baasaa Sunshine Railway Station dhaabbatan 219, 400, 410, 451, 454, 456 fi 471 161 HARVESTER ROAD B (03) 9300 8670
WAAJJIRA RINGWOOD SUITE 5, 45-51 RINGWOOD STREET, RINGWOOD, VIC 3134, AUSTRALIA BAABURA (TRAIN) BAASA (BUS) Baabura toora LILYDALE QABADHUU buufata Ringwood irratti bu i. Maroondah HWY irra gama bitaa irra deemii Ringwood Street irratti bitaa maqi. Hamma bitaa kee irratti manicha agartutti deemi. Foundation House ulaa gara dhumaa irratti agarta. Buufatni baasaa guddaan buufata baaburaa Ringwood bira jira. Baasii hedduun achi irraa ka u yookaan achitti dhaabbatu. Kan achi irraa ka an lakkoofsi 270 fi 271 Box Hill; 364 Warrandyte; 366 fi 367 Croydon, 670 University Swinburne, 679 Chirnside Park; 901 Frankston fi Melbourne Airport deeman. WARRANDYTE RD LOUGHNAN RD RONGWOOD BYPASS CREEK ST NELSON ST 45-51 RINGWOOD STREET M3 NEW ST BOURKE ST BOND ST RINGWOOD ST EASTLAND SHOPPING CENTRE CHARTER ST SEYMOUR ST MARRONDAH HWY RINGWOOD STATION M3 ALBERT ST B (03) 9879 4638 / (03) 8788 3333 F (03) 8788 3399